Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Ayyaana

Amajjiin Konyaa Adelaide keessattis Sirna Hoo’aan Kabajame.

(Madda Oduu ABO, MOA, Adelaide, South Australia, 03 Amajjii 2010) Ayyaanni guyaa Waraaana Bilisummaa Oromoofi barri haaraa Australia kibbaa magaalaa Adelaide keessatti sirna hoo’aan kabajamee ooluuun gabaasame.

Maddi Oduu ABO, MOAn, Adelaide irraa akka gabaasetti hawaasti Oromoo magaalaa Adelaide keessa jiraatan walitti dhufuun guyyaa WBO fi bara haaraa kana kan kabajatan Amajjii 02, 2010 ture.

Amajjii Ayyaana kana irratti Jaal Kadir Ibiraahim seenaa Ayyaana Amajjii ilaalchisanii ibsa kenneen, guyyaan kun guyyaa yaadannoo humni kaayyoo fi cichoomina qabu rakkoon injifatamee faca’uu akka hindandeenye itti dhugoomse ta’uu hubachiisee jira.

WBO ayyaana tokko kan maqaa isaan sadarkaa dhaabaatti bara  baraan ayyaaneeffatu akka qabaatu kan murtaa’e Amajjii 1, 1980 ta’uu kan yaadachiise Jaal Kadir, guyyaan kunis erga gaafasii kaasee, dhaaba keessatti kabajamaa akkuma har’a gahe fuuldurattis kabajamuun isaa kan itti fufu ta’uu ibsee jira.
Miseensoti ABO konyaa Adelaide ayyaana guyyaa WBO kana irratti hirmaatanis yaada gabaasaa MOAf kennaniin, Amajjii ayyaaneffatan haala WBOn keessa dabre, amma immoo qabsoo hadhawaa diinaa wajjin godhamaa jiru akka wal yaadachisan  addeessaniiru.
“Amajjii 2010 yeroo ayyaaneffannu WBO jabeessuuf akkuma baratame wanneen dandeenyu maraan akka birmannu waadaa keenya deebisnee haaromsinee jirra,” kan jedhe miseensi ABO biroon, “yeroo ammaa kanas ummati keenya, dacheen keenyaafi jireenyi keenya marti humna alagaan saamamuun daran kan jabaatee itti fufe waan ta’eef qabsoo keenya dachaadhaan dabaluun nu barbaachisa,” jedhee jira.
Ayyaana kana irratti Dhahaan Oromoo kan bara haaraa sadarkaa dhaabaatti qophaa’es dhiyaatee tokkoon tokkoon isaa doolara Australia kudhan-kudhanitti gurguramee maallaqni isaa galii ta’uun beekamee jira.

Har’a ABO keessatti Amajjiin 1, guyyaa ayyaana dachaa itti kabajamuu dha.  Guyyaan kun guyyaa barri moofaan dhumatee haaraan seenuu waan taheef bara haaraa simachuuf kabajama. Inni lammaaffaa immoo WBO reeffu lafaa ka’e dhabamsiisuuf duula diiinni itti bane irraa hafee haga har’aatti falmaa bilisummaa itti fufaa jiraachuu isaa yaadachuuf haala addaddaan kabajamaa jira.

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net